Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti sagantaan dhaabbii biqiltuu eegalame

Finfinnee Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaatti, mata duree “Boruu keenya har’a haadhaabnu” jedhuun sahagnataa dhaabbii biqiltuu geggeeffameera.

Saganticharratti hoggantootni naannoo fi godina argamaniiru.

Godina Jimmaatti bara kana biqiltuuwwan biiliyoona 1.1 dhaabuuf karoorfamuusaa Bulchaan Godinichaa Obbo Tijjaanii Naasir dubbataniiru.

Guyyaa har’aas, biqiloowwan miiliyoona 6.3 kan dhaabaman ta’uu himaniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa Pirezdantii Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastara Magaalaa Obbo Masfin Malaakuun gama isaaniitiin, akka naannootti biqiltuuwan biiliyoona 4 ol dhaabuuf karoorfamuu himaniiru.

Biqiloota dhaabatan keessaa harkii caalaan kanneen nyaataaf oolan faayidaa dinagdee qaban ta’uu dubbataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.