Obbo Dammaqaa Mokonnin dabalatee qondaaltonni Mootummaa Dirree Dhawaa galan
Finfinnee, Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee qondaaltonni olaanoo Federaalaa fi Naannoo Magaalaa Dirree Dhawaa galaniiru.
Qondaaltonni olaanoon kunneen wayita Diree Dhawaa ga’anitti Ittaanaa Kantiibaa Fi Hogganaan Biiroo Daldalaa Fi Invastimantii Harbii Buhi, Itti Gaaftamaa Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahiim Yuusuufiin dabalatee qondaa’tonni olaanaa bulchiinsa magaalichaa simannaa taasisaniiruufi.
Obbo Dammaqaa Mokonninii Fi Obbo Shimallis Abdiisaan mata duree “Boruu keenya Har’a haa dhaabnu” jedhuun Sagantaa Asaaraa Magariisaa boqonnaa 2ffaan duula biqiltuu dhaabuu Godina Haragee Guraawwaa fi Gaaraa Mul’ataatti akkasumas aanaalee birootti ni jalqabsiisuu jedhamee kan eegamu ta’uu TOI gabaaseeara.
Gama biraatiin qondaaltonni kunneen hojiilee misoomaa garagaraarratti miseensota Kaabinee bulchiinsa Magalaa Dirree Dhawaa waliin ni mari’atu jedhameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.