Hirmaannaa dubartoota dippilomaatota ta’anii cimsuun walqixxummaa fi haqaaf hojjechuu qabu-Pir. Saahilawarqi Zawudee
Finfinnee, Waxabajjii 16, 2015 (FBC)- Waltajjii Idil Addunyaarratti hirmaannaa dubartoota dippilomaatotaa cimsuun addunyaa walqixxummaa fi haqa qabeessummaan, dubartoota bakka buutu uumuuf gahee isaanii bahachuu akka qaban Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen waamicha dhiyeessan.
Saganticharratti Pireezidaanti Saahilawqarqi Zawudee, Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, hoggantoota dubartootaa dhaabbilee idil addunyaa, ministiroota dubartootaa, ambaasaaddarootaa fi dippilomaatonni biyyoota garaagaraa teessoon isaanii Finfinnee argamaniiru.
Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudeen , biyyaa isaanii bakka bu’uun biyyootaa garaagaraatti dhaabbilee idil addunyaa wayita hogganaa turanitti muuxannoo horatan qoodaniiru.
Haalumaa kanaan dippilomaatonni dubartootaa, dhiibbaalee mudataniin dandamachuun damichaan hojiilee bu’aa qabeessa hojjechuu akka danda’an dubbataniiru.
Dippiloomaatonni dubartoota ta’anis hirmaannaa waltajjiiwwan addunyaarratti qaban cimsuun haqa qabeessummaan akka mirkanaa’uuf cimanii hojjechuu qabu jedhaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee gama isaaniin, dubartoonni damee dippilomaasiin gahee olaanaa akka qaban kaasuun, gama kanaan mootummaan hirmaannaan dubartootaa damee hundaan akka cimu hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddara Burtukaan Ayyaanoos, damee dippilomaasiin hirmaannaa dubartootaa cimsuun addunyaa fooyya’aa uumuuf daran hojjechuu qabna jechuu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.