Fana: At a Speed of Life!

Sirna Fayyaa dijaataalessuuf hojiilee eegalaman cimsuuf walta’iinsaan hojjechuu barbaachisa-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2015 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Godambaa Saayinsiitti Argisiisaa Fayyaa Biyyaalessaa qophaa’e daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniin “Hojiilee argineen guddina tajaajila fayyaa biyyaa keenyaa kan argisiisu jijjiiramni abdii qabeessii akka jiru hubachuu dandeenyeerra” jechuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Sirna fayyaa dijitaalessuuf hojiilee eegalaman cimsuuf hunduu waltaiinsan hjjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ityoophiyaa giddugala tuuriizimii Fayyaa taasisuuf hojiilee eegalamanitti dabalataan hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuun, lammiileef, tajaajila qulqullina qabu kennuuf tumsaan hojjechuun barbaachisa ta’uu kaasniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.