Koreen Qindeessaa Naannawaa Daldala Walabaa Afrikaa hojii eegale
Finfinnee, Waxabajjii 16, 2015 (FBC)- Hoggantoota dhaabbilee federaalaa garaagaraarraa baba’aniin kan hundeeffame Koreen Qindeessaa Naannawaa Daldala Walabaa Afrikaa har’a hojii eegaleera.
Bara 2016 daldala jiraatu eegalchiisuufi hojiilee jiraan saffisiisuuf karooraa ba’erratti mariin bu’aa qabeessi taasifamuun eerameera.
Marichaarratti hojicha eegalchiisuuf koreewwan garaagaraa gurmeessuuf waliigalteerra ga’amuu Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasaahuun Gofeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.