Hawaasa Dhaloota Ijaaraa Jiruuf Galata Qabna! – Pireezidaanti Shimallis
Finfinnee, Waxabajjii 15, 2015 (FBC) – Hawaasa Dhaloota Ijaaraa Jiruuf Galata Qabna! jedhan Pireezidaantiin naanoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis, Ijaarsa dhaloota Ifa Boruufi dhaloota Bu’uura Boruu bu’uura buufnee jalqabneerra jechuun ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggoota lamaa as dhaloota lama wal duraa duubaan bu’uura hin reeqqifne irratti ijaaruudhaaf hawaasa sosochoosuun barnoota ajandaa lammii hundaa taasisee hojjataa jiraachuun isaa ni beekama.
Hawaasa barnootaa naannoo keenyaa; barsiisota, maatii barattootaa, barattoota, ogeeyyii barnootaa sadarkaan jiran, abbootii qabeenyaa, dhabbilee miti mootummaa, seektaroota adda addaa, Yunivarsiitiiwwan naannoo keenyaa, Abbootii Gadaafi Haadholii Siinqee, Abbootii Amantaa, caasaalee mootummaa sadarkaan jirtan hundi hirmaannaafi deeggarsa keessaniin hanga har’aatti, manneen barnootaa Bu’uura Boruu 10,000 ol ijaaruu, akkasumas barattoota daa’immanii mil. 5 oliif nyaata dhiyeessuu dandeenyerra. Hirmaannaan keessan suphaa manneen barnootaa, ijaarsa daree dabalataa, mana kitaabaafi mana fincaanii, gumaacha kitaabaafi deeggarsa meeshaalee barnootaa, hirmaannaa barattootaa dabaluu, dhiyeessii bishaan dhugaatii, ibsaaafi kkf irratti taasistan seektarri barnootaa keenya daran akka fooyya’u gochuu keessatti gahee olaanaa waan bahaa jiruuf maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galata guddaa akka qabdan ibsuun barbaada.
#Hawaasa_dhaloota_ijaaraa jiruuf_galata_guddaa_qabna!
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, tumsa keessan waliin barnoota ummata Oromoo madaalu, dhaloota duudhaa ganamaa, aadaafi safuu kabaju, saayinsiifi teeknooloojiidhaan sadarkaa idila addunyaatti dorgomaa ta’u, siyaas-dinagdeefi hawaasummaadhaan Oromiyaa ijaaru, Itiyoophiyaa utubuufi, Gaafa Afrikaa tasgabbessu uumuu ciminaan kan hojjataa jiru ta’uu ibsuun barbaada.
Hirmaannaa hawaasni keenya hanga ammaatti taasiftaniif irra deebi’ee isin galateeffachaa, ammas dabalataan rakkoo qulqullina barnootaa irratti nu qunnamaa jiru fooyyessuuf Ganna bara 2015 mata duree “Sosochii Hojii Misooma Gannaa” jedhuun hojii qabatamaa hojjechuuf karoorfannee tumsa keessan eegaa jirra.
Sosochii kanaan:-
– Mana Jireenya Barsiisota Baadiyaa kuma 4 ijaaruu;
– Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu marsaa 3ffaa, kuma 4,fi 574 ijaarree xumuruu;
– Istaandardii Manneen Barnootaa kuma 3 fi 410 fooyyessuu;
– Barsiisota Daa’imman Barnoota Sadarkaa Tokkoffaan Duraa (BSTD) barsiisan, kuma 9 qacaruu;
– Daree dabalataa ijaaruu;
– Mana kitaabaa ijaaruufi kan kanneeniin walqabatan Ganna kana keessa raawwachuun bara barnootaa 2016 tajaajilaaf oolchuuf karoorsinee hojiitti seenaa jirra.
Karoorri Sosochii Hojii Misooma Gannaa bu’uurri isaa hawaasa barnootaa irraa kan madde waan ta’eef akkuma kanaan dura waliin taanee rakkoo barnoota naannoo keenyaa furaa dhufne ammas hojii boonsaa dhaloota ijaaru akka raawwannu abdii guddan qaba.
Oromiyaa ni ijaarra!
Itoophiyaa ni utubna!
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!
Waaqnis nu gargaara!
Waxabajjii 2015
Finfinnee!#
Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.