Fana: At a Speed of Life!

Tumsaan tamsa’ina vaayrasii koroonaa yaa ittisnu – Waajjira MM

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Tokkoon keenya kan biraatif gaachana ta’uudhan tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuu qabna jedhe Waajjirri Muummee Ministiraa.

Waajjirichi ibsa baasen akka beeksisetti, sadarkaa biyyaatti hojiin hubannaa uumuu cimee itti fufeera.

Vaayrasichi lammii biyya kamuu osoo adda hin baasne, nama hunda miidhuu danda’a jedheera.

Haaluma kanaan furmananiof eeggachuu fi irraa of ittisuu, tuttuqqii fi harka walqabachuu dhaabuu fi iddoo namni heddummaatutti argamuu dhiisuu, qulqullina dhuunfaa fi naannoo eegudha jedheera.

Vaayrasicha ittisuu fi to’achuuf yaa hojjennuunis dhaamera.

Waajjirichi ergaa isaatin tokkoon keenya kan biraatif gaachana ta’uudhan tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuu qabna jedheera.

Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaatis ergaa dabarsaniin miira namoomatiin waliif yaaduun, ittisuu fi to’achuuf yaa hojjennu jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.