Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa badhaasa Waggaa ‘dorgommii Iskaaytiraak’ dameewwan shaniin injifate
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2015 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa badhaasa Waggaa ‘dorgommii Iskaaytiraak’ dameewwan shaniin injifateera.
Dorgommii Iskaaytiraak bara 2023 Faransaay Magaalaa Paaristti gaggeeffameen Gareen Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa dameewwan shaniin Badhaasa kabajaa goonfateera.
Daandii Qilleensaa Filatamaa Afrikaa yeroo 5ffaaf, badhaasa Damee Biiznasii Filatamaa fi damee Diinagdee Filatamaa yeroo 5ffaaf badhaafameera.
Sadarkaa idil addunyaatti daandii Qilleensaa guddina ariifachiisaa galmeesse jedhamuun kan badhaafame yoo ta’u, dameewwan biroo lamaanis badhaafamuu ragaan Daandii Qilleensichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.