IGAD tarsiimoo Nageenya nyaataa fi bulchiinsa qisaasama oomisharratti mariii gaggeessaa jira
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2015 (FBC) – Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa tarsiimoo Nageenya nyaataa fi bulchiinsa qisaasama oomisharaarratti Finfinneetti mariii Ministirootaa gaggeessaa jira.
Mariin kun guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’uu, tarsiimoorratti mari’achuun ni raggaasisaan eegama.
Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee dabalatee ministiroonni Ministeera Qonnaa biyyoota misoonsa dhaabbatichaa, bakka buutooni dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaa fi qooda fudhattoonni marii kanarratti argamaniiru jedhame.
Naannawichatti qisaasama nyaataa hir’isuun sirna nyaataa cimaa ijaaruu, wabii nyaataa mirkaneessuu, akkasumas waliinga’iinsa nyaata madaallawaa fi jireenya lammiilee fooyyessuuf tarsiimoo qophaa’e ta’uu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.