Fana: At a Speed of Life!

Paarkii Indaastirii Maqalee hojii jalqabsiisuuf qophiin xumurame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2015 (FBC) – Paarkii Indaastirii Maqalee hojii jalqabsiisuuf qophiin barbaachisu xumuramuu Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Indaastirii beeksiseera.

Yeroo ammaa Paarkicha guutummaatti hojiitti deebisuuf haalawwan dandeessisan uumamuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Waajjira Tiraanisfoormeeshinii Korporeeshinichaa Obbo Fitsuma Katamaan dubbachuu ragaan Korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Hojii qulqulleessuu Waliigaltee nageenyaa booda taasifameen miidhaan Paarkicharra qaqqabe kan hin jirree fi abbootiin qabeenyaa qabeenya fi maashinariiwwan isaanii akkuma turetti argachuu eeraniiru.

Paarkicha hojiitti galchuuf hojiin abbootii qabeenyaa waliin hojjetame bu’aa argamsiisuu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.