Yaadannoon Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraa Dirre Dhawaatti gaggeeffame
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2015 (FBC) –Yaadannoon Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraa bulchinsa magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeeffameeera.
Alii Birraan artiidhaan namaa bilisummaa ummatatiif falmaa ture ta’uu Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Dirre Dhawaa Dooktar Ubaah Adaam ibsaniiru.
Sirboonnii Alii Birraan sirbaa afaan oromoon weellifamaan namootaa afaanichaa hin beekne illee kan jalataman ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa kantibaatii itti gaafatamaan paartii Badhaadhinaa damee Dirre Dhawaa Obbo Ibraahim Yusuuf eeraniiru.
Aliin weellisaa qofa osoo hin taane nama hojiilee tolaa oltummaa hedduu hojjechaa turanidha jedhan.
Pireezidaantiin Waldaa weelliftootaa Ityoophiyaa Obbo Daawiit Yifruun seenaa guddina Muuziqaa Ityoophiyaa keessatti Aliin shoora guddaa taphuu dubbataniiru.
Yuunivarsiitichi Mana Kitaabaa fi Sagantaa Barnoota ‘Iskoolar Shippii’ maqaa Artiist Alii Birraan moggaaseera.
Yaasin Shamsuddintu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.