Naannichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu biiliyoona 1.3 dhaabuuf hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2015 (FBC) – Naannoo Ummattoota Kibbaatti bara kana sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu biiliyoona 1.3 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaan naannichaa beeksiise.
Sagantaan jalqabbii dhaabbii biqiltuu bara kanaa akka naannichaatti Godina Geede’oo aanaa naannawaa Diillaatti gaggeeffameera.
Saganticharratti Kantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoo argamuu ibsameera.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 2ffaa kanaan biqiltuuwwan kuduraa fi biqiltuun mukeen biyya keessaa kan dhaabatan ta’uu TOI gabaaseera.
Dhaabbii biqiltuu cinaatti hojiileen misooma qonnaan bultoota moodeelaan hojjetama daawwatamaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.