Fana: At a Speed of Life!

Hojiin qorannaa, eeruu fudhachuu fi galmee qulqulleessuu kan itti fufu ta’a- Abbaan Alangee Waliigalaa

Finfinnee, Bitootessa 10, 2102 (FBC) – Olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojiin idilee; qorannaa, eeruu fudhachuu fi galmee shakkamtootaa qulqulleessuu kan itti fufu ta’uu Abbaan Alangee Waliigalaa beeksise.

Daayreektarri koominikeeshinii abbaa alangichaa obbo Zinaabuu Tunaan ibsa laataniin, manneen murtii federaalaa Bitootessa 10 kaasee amma 24,2012 gariin cufamanii kan turan ta’uu yaadachiisaniiru.

Yaata’uutii yakkoota biyyoolessaa fi jajjaboo ittisuuf hojiin idileedhan hojjetamu cimeet itti fufas jedhaniiru.

Waajjiraaleen Abbaa Alangaa Waliigalaa ramaddiirra jiran hojii idilee isaanii hojjechuu itti fufus jedhan.

Dhaddacha manneen murtiitin ala hojiileen idilee itti fufu jedhan obbo Zinaabuun.

Shakkamtoonnii fi hojjettoonnis vaayrasii koroonaaf akka hin saaxilamne hojjechaa jirraan ibsan.

Daballii gatii hin malle, burjajajii fi yakkoota addaddaa ittisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin tumsaan ni hojjenna jedhaniiru.

Koreen ittisa vaayrasichaa hundaa’ee socho’aa jiraachuus beeksisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.