Fana: At a Speed of Life!

Diijitaala Ityoophiyaa dhugoomsuuf xiyyeeffannoo olaanaan laatamee hojjetamaa jira – Dooktar Ballaxee Mollaa

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2015 (FBC) –Jijjiirama biyyaalessaa hordofee damee Innooveeshinii fi Teeknooloojiif xiyyeeffannoo olaanaan laatamee hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxee Mollaan ibsaniiru.

Diijitaala Ityoophiyaa dhugoomsuuf hojiileen dandeessisan dameewwan garaagaraan raawwatamaa jiraachuu Dooktar Ballaxaan eeraniiru.

Diijitaala Ityoophiyaa dhugoomsuu fi Diinagdee Ityoophiyaa deeggaruuf hojiin eegalame sirni kaffaltii diijitaalaa bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa jiraachuu himaniiru.

Kalaqa hojii, Invastimantii, walga’iinsaTeeknooloojii odeeffannoo fi dameewwan tajaajilaa hojiin ammayyeessuu hojjetamuu eeraniiru.

Yeroo itti aanu sirna diijitaalaa damee hundaan caalmaatti cimsuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Yaa’iin 7ffaa Innooveeshinii fi Teeknooloojii Afrikaatti Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ii kanarratti hoggantoota olaanoon biyyoota garaagaraa fi dhaabbileen teeknooloojii adda addaarratti walitti babba’an hirmaachaa jiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.