Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Awurooppaa Yuukreeniif deeggarsa meeshaalee waraanaa Doolaara miiliyoona 116 ifoomsan

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2015 (FBC) –Biyyoonnii Awurooppaa Yuukreenif deeggarsaa meeshaalee waraanaa Doolaara miiliyoona 116 ifoomsaniiru.

Deeggarsichi humna qilleensaa Kiiyev cimsuuf oola jedhame.
Deeggarsi addaa Yuukreeniif taasiifamu ‘Fandii Idil Addunyaa Yuukreen’ bara Faranjootaa 2022 Deenmaark Magaalaa Kooppanhanganitti Konfirensii gaggeeffameen koree hundaa’ee fi humna waloon Biriitaaniyaan durfamuun kan raambsamu ta’uu eerameera.

Biriitaaniyaa dabalatee, Deenimaark ,Siwiidiin ,Noorweeyi ,Fillaandi Islaandii ,Neezarlaandi ,Istooniyaa ,Laatiiviyaa fi Luuteeniyaan biyyoota deeggarsicha laatan ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.