Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Beenishaangul-Gumuz daldala warqee seeraan alaa irratti to’annoo cimsuu qaba – Koree Dhaabbii

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2015 (FBC) – Naannoon Beenishaangul-Gumuz qaamolee daldala warqee seeraan alaarratti hirmaatanirratti tarkaanfii fudhachuu akka qabu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhimma Indaastirii fi Albuudaa hubachiise.

Koreen dhaabbii kun naannichatti waldaalee bifa aadaan hojii oomisha warqee irratti bobba’anii hojjechaa jiraniifi namoota dhuunfaa warqee oomishaa jiran daawwateera.

Oomishtoonni Waarqee Aadaan Oomishan hojjettoota waldaan gurmeessuun gara sirna ammayyaatti ce’uu akka qaban miseensonnii koree dhaabbichaa hubachiisaniiru.

Maddi;- TOI

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.