Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hanga ammaatti biqiltuun Bunaa miiliyoonni 300 ol dhaabbate

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2015 (FBC) – Oromiyaatti barana biqiltuu Bunaa biiliyoona 1.3 dhaabbiif qophaa’e keessaa hanga ammaatti biqiltuun miiliyoonni 300 ol dhaabbachuu ibsameera.

Godina Buunnoo Beddelleetti biqiltuu bunaa miiliyoona 100 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Godinichatti bara kana biqiltuu bunaa miiliyoona 104 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaa Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Buunnoo Beddellee Obbo Faaris Naadoon eeraniiru.

Hanga ammaattis biqiltuu bunaa miiliyoona 31 ol dhaabuun danda’amuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godinicharraa argame ni mul’isa.

Qonnaan bulaan kilaasteraan ijaaramee Buna akka oomishu hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.