Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon sadarkaa hoggansaatti eegalee hariiroo ummataa saffisiisuuf tumsa- Jiraattota Maqalee

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2015 (FBC)- Sadarkaa Hoggansaa Naannoo Tigraayii fi Amaaraatti hariiroon eegalee hariiroo ummatootaa naannolee lameenii gidduu saffisiisuuf kan gargaaru ta’u jiraattonni Magaalaa Maqalee ibsan.

Jilli hoggantootaa Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayiin durfamu dheengadda Naannoo Amaaraa Magaalaa Baahirdaaritti bakka bu’ootaa kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin mari’achuun kan yaadatamuudha.

Maricharratti pireezidaantonni naannolee lameenii hariioo ummatootaa cimsuuf akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Jiraattonni Magaalaa Maqalees yaada kennaniin hariiroo gaariin sadarkaa hoggansa naannolee lameeniitti eegalee cimuu qaba jedhan.

Hariirichis waliigalteen nageenyaa itti fufiinsa akka qabaatuu, nageenyii fi misoomni akka mirkanaa’uuf kan gumaachu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.