Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Eegumsa Naannawaa kabajame

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2015 (FBC)- Guyyaan eegumsa naannawaa akka Addunyaatti yeroo 50ffaaf akka Ityoophiyaatti yeroo 31ffaaf dhaadannoo “Furmaata Faalama Pilaastikaaf” jedhuun Magaalaa Bishooftuutti kabajamaa jira.

Itti Aanaa Daayrektera fi Itti Gaafatamaan Damee Eegumsa Naannoo Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa Obbo Gammachuu Baqqalaa guyyichi kan kabajamuuf faalamni naannoo yeroo gara yerootti dabalaa dhufuun dhiibbaa geessisaa jiru irratti hubannoo uumuuf akka ta’e dubbataniiru.

Faalamni naannawaa yeroo ammaa babal’achuu magaalaatiin wal qabatee mudachaa jiru, keessumaa meeshaan pilaastika irraa hojjetaman faalama naannawaaf gaheen inni qabu dabalaa dhufuu ibsaniiru.

Pilaastikni sirnaan balfamuu dhabuun jijjiirama qilleensaa yeroo ammaa addunyaa jeeqaa jiruuf sababa akka ta’e yaadachiisnaii, qaamni hunduu eegumsa naannawaaf xiyyeeffannoo kennuu qaba jedhaniiru.

Sagantaa kabaja guyyichaarratti qorannoowwan faalama qilleensaa, jijjiirama qilleensaa fi eegumsa naannawaa irratti xiyyeeffatan dhiyaachuun kan mari’atamuu ta’uun beekameera.

Baayiluu Baanee fi Adaanech Abbabaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.