Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii hooggansaa Naannoo Oromiyaa gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2015 (FBC)-Waltajjiin marii hooggansaa Naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Waltajjiin kun kallattii koreen hojii raawwachiiftuu fi Koree giddu galeessaa Paartii Badhaadhinaa kaa’e bu’ureffachuun gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti kan argaman, Miseensi Koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalee yaadamni Paartii Badhaadhinaa Ityoophiyaa hundaaf taatu ijaaruuf meeshaa guddaadha jedhan.

Kana milkeessuufis hooggansi qarqara dhaabachuurra, ilaalcha qulqulluun ijaaramee hojjechuu qaba jedhan.

Haala addunyaan keessa jirtuu fi rakkoo qabatamaa biyyattii furuuf, yaada kalaqaa haaraa fi ariitiin hojjechuun dirqama hooggansa sadarkaan jiruu ta’uu Dooktar Yiliqaal.

Waltajjiichi dirree hooggansi itti ilaalacha qulqulluun ijaaramuu ta’uu kaasnii, biyya obbolummaan dhugaa keessaatti mirkanaa’u ni ijaarras jechuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.