Fana: At a Speed of Life!

Hanqina dhiyeessii Xaa’oo keemikaalaa furuuf xaa’oo uumamaa qopheessurratti xiyyeeffannoon hojjetama jira – BQO

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2015 (FBC) – Hanqina dhiheessii xaa’oo keemikaalaa furuuf xaa’oo uumamaa qopheessurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiiseera.

Ogeeyyii fi gaggeessitoonni qonnaa godinaalee Oromiyaa 19 fi aanaalee 270 irraa walitti babba’an qophii xaa’oo uumamaa kompoostii raammoo fi kompoostii idilee godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaafi Shabee Sombootti hojjetamaa jiru daawwachuun muuxannoo qooddataniiru.

Hanqina dhiheessii xaa’oo keemikaalaa mudate furuun oomishaafi oomishtummaa qonnaa dabaluuf bara kana hojiin fakkeenyummaa qabu akka Oromiyaatti hojjetamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daayrektarri Daayrektoreetii Fooyya’iinsa Gabbina Biyyee Obbo Isheetuu Laggasaa daawwannaa muuxannoo waljijjiirraa kanarratti ibsaniiru.

Biiroon Qonnaa Oromiyaa qonnaan bultoonni xaa’oo uumamaa haala salphaa ta’een akka qopheeffataniif xiyyeeffannoo addaa kennuun deeggersa ogummaa taasisaa jiruun bara kana xaa’oon uumamaa meetirik kuubii miiliyoona 95 oliifi Nooraa kuntaala kuma 100 oli qopheessuun hojiirra akka oolu taasifamaa jiraachuu Obbo Isheetuun ibsuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.