Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan morkii Chaayinaarraa mudateen dura dhaabbachuuf UNESCO’tti makamuuf gaafatte

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2015 (FBC)- Ameerikaan morkii Chaayinaarraa mudateen dura dhaabbachuuf Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti (UNESCO) makamuuf gaafatte.

Ameerikaan dhaabbatichatti erga makamteen booda sagaleen Chaayinaa daran dhaga’amuun akka yaaddesseen Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan baatii Bitootessaa keessaa Kongirasii biyyattiif yaada dhiyeessanii turuu RT’n gabaaseera.

Yeroo ammaas Ameerikaan “Mul’ata Addunyaa Bilisaa Uumuu” jedhuun sagantaa haaraa dhaabbatichatti beeksisuuf karoorfachuun eerameera.

Dhaabbaticha fedhii isheen erga itti makamtee booda baatii darbe iyyannoo ishee gama Qajeelchaa Dhimma Alaa isheen UNESCO’f galchiteetti.

Ameerikaan dhaabbaticha keessaa wayita baatee turtetti idaa olaanaan irra jiraachuu waan maluuf kongirasiin baajata deebi’uuf dandeessisu Doolaara miiliyoona 150 akka ramadan hubachiiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.