Fana: At a Speed of Life!

Hojiin tajaajila lammummaa hojii rakkoo ummata sadarkaa gadaanaarra jiraatanii furuuti – Obbo Masfin Malaakuu

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2015 (FBC) –Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Magaalota Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuu Magaalaa Jimmaatti hojii tajaajila lammummaatiin manneen harka qalleeyyii ijaaramu jalqabsiisaniiru.

Kantibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa hojiin tajaajila lammummaa hojii boqonnaa sammuu ta’uu ibsuun, bara darbe namoota harka qalleeyyiif manneen 280 ol ijaaruun danda’amuu himaniiru.

Bara 2015 kana keessa immoo manneen 300 ol namoota harka qalleeyyiifi haadha hiyyeessaaf ijaaruuf karoorfamuu eeraniiru.

Akka magaalaa Jimmaatti hojiin tajaajila lammummaa gannaa ifatti eegaluu himaniiru.

Saganticharratti hoggantoonni mootummaa Federaalaa, naannoofi magaalaa Jimmaa argamaniiru.

Akkaa naannoo Oromiyaatti manneen harka qalleeyyii kumni 10 ol kan haaromu ta’uu Obbo Masfin eeraniiru.

Bara kana tajaajila lammummaa gannaan hojiin ijaarsa manneen harka qalleeyyii, qulqullinni magaalaa fi magaala Miidhagsuun kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Hojiin tajaajila lammummaa hojii rakkoo ummata sadarkaa gadaanaarra jiraatanii furuu ta’uu kaasaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiin tajaajila lammummaa hojiiwwan fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hedduu hojjetaa jiraachuu Obbo Masfin ibsuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Jimmaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.