Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Geetaachoo Raddaan durfamu magaalaa Bahir Daar gale

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2015 (FBC) –Jilli Pireezidaantii Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaan durfamu naannoo Amaaraa magaalaa Bahir Daar galeera.

Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa Dajjaamaachi Balaay Zallaqaa ga’u Pireezidaantii Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa dabalatee hoggantoota naannichaa biroon simatamerra.

Jilichi turtii isaan Dooktar Yiliqaalii fi hoggantoota olaanoo naannichaa waliin dhimmoota hariiroo ummata naannolee lamaanii cimsuu danda’anirratti ni mari’atuun kan eegamu ta’uu AMCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.