Fana: At a Speed of Life!

Hojiin Ashaaraa Magariisaa hojii yeroo tokkoo osoo hin taane hojii biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuti! – Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2015 (FBC) – Hojiin Ashaaraa Magariisaa hojii yeroo tokkoo osoo hin taane hojii biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuti jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Hojii misooma Ashaaraa Magariisaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Addunyaan keenya sababa jijjiirama qilleensaatiin rakkoowwan garaa garaatiif saaxilamaa jirti. Sababa mancaatii bosonaatiin haalli qilleensaa jijjiiramee gammoojjummaan babal’achuun, dhiqamni biyyee hammaatee oomishaaf oomishtummaan xiqqaachuufi rakkoowwan walxaxaan dhala namaa dabalatee jireenya lubbu qabeeyyii hunda irratti dhiibbaa fidaa jira. Dhimmi kun, qormaata Addunyaa guutuu waan ta’eef furmaanni isaas hirmaannaa uummata addunyaa hundaa kan gaafatu ta’uun hubatamee jira.

Keessumaa kaayyoo adda addaaf ciramuun bosonaa, dhiqamuun biyyee hammaachuufi aarri warshaalee Induustiriiwwan gurguddaa biyyoota guddataniin gadi lakkifamu qilleensa faaluun jijjiirama qilleensaa hammeessee gaaga’ama hamaaf ardii keenya saaxilaa jira. Jijjiiramni qilleensaa addunyaa keenya muudachaa jiru kun biyyoota guddachaa jiran irratti ammoo miidhaan isaa daran hammaataadha.

Faalama qilleensaa yaaddoo addunyaa ta’e kana furuuf falli biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu hojiiwwan hojjetaman bu’aa teknoloojiitiin bakka buusuu akka ta’e rogeeyyiin eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa, hayyoonniifi hooggantoonni biyyootaafi dhaabbilee Idil-Addunyaa irratti walii galuun tarkaanfileen garaa garaa fudhatamaa jiru. Dhimmi jijjiirama qilleensaa dhimma madaala uumamaa dabsuun ittifufinsa dachee irra jiraannuu yaaddoo keessa galchuun furmaata hatattamaa barbaadu waan ta’eef galmoota gurguddoo guddina itti fufiinsaa mirkaneessuu keessatti hammatamee hojjatamaa jira.

Biyyi keenyas jijjiirama qilleensaa yaaddoo Addunyaa ta’e kana xiqqeessuuf Inisheetiiviin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Muummee Ministeeraa FDRI Dr Abiyyi Ahimadiin labsamuun waggoottan arfan darban uummata keenya waliin hojjetaa turre milkaa’inoota ajaa’ibsiisaa ta’an galmeessisuu dandeenyee jirra. Hojiin waggoottan arfan darbaniif akka naannoofi biyyaatti hojjetaa turres biyya keenya sadarkaa Idil-Addunyaatti injifannoo gaarii gonfachiiseera. Uummata naannoo keenyaa hunda Ashaaraa keessan yeroo hunda yaadatamaa jiraatu kaa’uun maqaan biyya keenyaa sadarkaa idil-addunyaatti olka’ee akka waamamu taasisuu keessaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galataafi kabaja guddaa isiniif qaba.

Haata’u malee, hojiin biyya keenya magariisummaa uwwisuu hojii waggoota muraasa qofa hojjetamee dhiifamu osoo hin taanee biyya magariituufi mijattuu dhaloota dhaalchisuu waan ta’eef hojii ittifufinsaan qindoominaafi hirmaannaa keenya hundaa barbaadudha.

Kanaafuu, Oromiyaa magariisa uwwisuun ergama guddaa dhaloota egeree biyya badhaate dhaalchisuu ta’uun hubatamee biqiltuu dhaabuufi kunuunsuun karaa fakkeenyummaa qabuun aadaa ta’ee itti fufuu qaba. Dhaabbii biqiltuu biiliyoona 1.91 dhaabuun eegalame, waggoota muraasa keessatti biqiltuuwwan gosa garaa garaa biiliyoona 14 dhaabuun seenaa haaraa kan galmeessine yoo ta’u biqiloota dhaabaman keessaas 84.95% latuu danda’aniiru.

Muuxannoowwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baroottan darban irraa arganne galtee godhannee Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiifis akka biyyaatti biqiltuuwwan gosa garaa garaa biliyoona 6.5 dhaabuuf karoorfame keessaa naannoo keenyaatti biqiltuu biliyoona 4.5-tu dhaabama. Kanaafis, akka naannoo keenyaatti qophii ga’aa kan taasfneefi biqiltuun dhaabamus kanneen eegumsa biyyoofi bishaanii akkasumas nyaataaf ooluun bu’aa dabalataa qaban qopheessuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa tureera.

Biyyaafi naannoo keenya magariisummaa uwwisuun jijjiiramaafi faalama qilleensaa ittisuun cinatti dinagdee magariisaafi damdamataa ijaaruuf gahee bakka hin bu’amne waan qabuuf uummanni keenya injifannoo irratti injifannoo galmeessuun aadaa isaa ta’e kaka’umsa olaanaadhaan tumsa ajaa’ibsiisaa agarsiisaa turtan cimsitanii itti fufuun karoora dhaabbii biqiltuu bara kana qabanne akka milkeessinu waamicha koon dhiyeessa.

Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna;
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!

Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Waxabajjii, 2015
Finfinnee

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.