Fana: At a Speed of Life!

Pirojektoonni bishaan dhugaatii Kuma 8 ol xumuramuun ummata miiliyoona 2.7 fayyadamtoota taasiseera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)- Hojiilee bara 2015’tti raawwatamaniin hanga ammaatti pirojektoota kuma 8 fi 300 ol xumuruun ummata miiliyoona 2 fi kuma 741 ol fayyadamtoota bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuun akka danda’ame Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Mootummaan, imala badhaadhina hundagaleessa mirkaneessun fayyadamummaa ummata naannichaa milkeessuuf cichoominaan hojjechaa jiraachuu Obbo Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Haaluma kanaan waliingahiinsa bishaan dhugaatii naannichaa dabaluufi babal’isuuf xiyyeeffannoo fi tumsa taasifameen, hojiileen dhiheessii bishaan dhugaatii baadiyaa fi magaalaa dabaluun eeraniiru.

Hojiilee bara 2015’tti raawwatamaniinis hanga ammaatti pirojektoota kuma 8 fi 341 xumuruun ummata miiliyoona 2 fi kuma 741 fi 690 fayyadamtoota bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuun akka danda’ame e himaniiru.

Bifuma walfakkaatuun bara baajata 2016 keessattis Mootummaan Naannoo Oromiyaa pirojektoota buuleyyii fi haaraa xumursiisuun hojiiwwan waliingahiinsa bishaan dhugaatii dabaluuf xiyyeeffannaan kan hojjatu ta’uu ibsuuniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.