Fana: At a Speed of Life!

Gaaffilee jiraattonni magaalatti gaafatan addaa baasuun deebii kennuuf hojjecha jirra-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)- Gaaffilee jiraattotaa Magaalaa Finfinneerraa ka’anii fi koomiiwwan jiran adda baasuun deebii kennuuf hojjechaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aaadde Adaanech, gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, bakkootaa seeraan ala dalleeffaman, misooma malee dalleeffamni kan qabamanii fi ijaarsawwan ijaarsi isaanii eegalamee yeroo dheeraaf turan, manneen jireenyaa mootummaa, carraalee hojii sadarkaa magaalaatti umamaa jiran jiraattota magaalattii fayyadamtoota haqa qabeessa hintaasifne.

Hojiilee qaala’iinsa jireenyaa salphisuuf hojjetamaa jiranii fi hojiilee oodiitii galii walitti qabuu kan gamaaggamame ta’uu kaasuun, koomiiwwan jiraattonni kaasaniis sirrii ta’uu dubbataniiru.

Fuuldurattis, ummata dhaggeeffachuun hojiilee fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hojjechuu cimsanii kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.