Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa faayidaa Ummataa fi biyyaaf dhaabbachuun duudhaa isaa adda dureedha-Ministeeraa Raayyaa Ittisaa

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa of dursee faayidaa ummataa fi biyyaaf dhaabbachuun duudhaa isaa adda duree ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Biyyaa beeksise.

Ibsa USAID baaseen, midhaan deeggarsaa namoomaaf dhiyaatee qaamolee mootummaa biroo waliin ta’uun Raayyaan Ittisa Biyyaas itti fayyadameera jechuun gabaasnii dhiyeesse miidiyaalee garaagraan gabaafamuu ibsa har’a baaseen eereera.

Raayyaan Ittisaa Biyyaa Ityoophiyaas, naamusa cimaan kan hogganamu raayyaa ammayyaa’aa ta’uu ibsaa isaan kan beeksise ministeerichi, nyaata lammiilee deeggarsi namoomaa taasifamuuf irraa fudhachuun haa hafuu, gala isaa irraa hir’isuun kan qooduuf ta’uu beeksiseera.

Lammiilee biyyattii qofa utuu hintaane bakkoota ergama nageenya kabachiisuu ardii fi idil addunyaa bobba’eetti gochaa isaa baratame ta’uu, ummatoonni qaqqabeef, dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa kan beekaan raayyaa maqaa gaarii qabu ta’uu beeksiseera.

Ityoophiyaan miindaa fi gala raayyaa isheef kennuu biyyootaa jalqaban keessaa tarree duraarraa kan hiriirtu ta’uun biyyaa seena qabeetti akka taate kan argisiisuudha.

Qamadii deeggarsa barbaaddootaa kan hinsaamne raayyaa ogeessaa fi boonaan qabna kan jedhe ibsichaan, dhaabbata yookaan yuunitii yookaan loltuu qamadii deeggarsa fayyadamuu hinqabnu jechuun mirkaneesseera.

USAID bu’uura ibsa baaseen, tarii loltuun miseensaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa ta’e dhimma hinilaallaneen keessa seenuun gurmaa’iinsan ala itti gaafatama olaantummaa seeraa kabachiisuu fayyadamuun hattoota waliin qindoomuun, deeggarsi hatamee akka ba’u dhuunfaan kan tumse yoo jiraatee fi qoratamee yoo beekame, hoggansi Raayyaa Ittisa Biyyaa tarkaanfii keessa deebii ni fudhata jedheera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.