Fana: At a Speed of Life!

Shaggaritti dorgommiin Kalaqa barattootaa gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti dorgommiin kalaqa adda addaa barattootaa mata duree “kalaqni fi teeknoolojiin barnoota ‘Smart’ fi ‘ Smart’ Shaggariif ” jedhuun dorgomameera.

Dorgommichi dandeettii kalaqaa barattootaa jajjabeessuuf kan qophaa’e yoo ta’uu, sadarkaa magaalaatti kalaqaawwan adda addaa filataman 88 dorgommiif dhiyaachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalaa Shaggar obbo Firakiyyaa Kaasaahuun ibsaniiru.

Saganticharratti kalaqoonni barattootaan qophaa’an sadarkaa kutaa magaalootaa 12 irratti moo’atan dhiyaatanii daawwatamaniiru.

Barattoota, manneen barnootaa fi kutaalee magaalaa kalaqa dorgommicha injifataniif beekkamtiin kennameera.

Kantibaan magaalaa Shaggar Dooktar Tashooma Addunyaan ‘Smart’ Shaggar dhugoomsuuf kalaqaafi teeknooloojii jajjabeessuun xiyyeeffannaan kan hojjatamu ta’uu ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.