Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti gumaacha guddaa qaba – Ambaasaaddaroota

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa sadarkaa idil-addunyaatti jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti gumaacha guddaa qabaachuu Ityoopphiyaatti Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa ibsan.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay, Chaayinaa fi Xaaliyaanii sagantaa misooma magariisaa Ityoophiyaaf deeggarsa taasiisan cimsanii kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.

Ityoophiyaatti ambaasaaddaroon biyyoota kanneenii sagantaan ashaaraa magariisaa Ityoophiyaa jijjiirama qilleensaa ittisuuf gumaacha guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Sagantichi Ityoophiyaa qofatti osoo hin taane sadarkaa idil addunyaatti jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii taasifamu kan cimsu ta’uu kaasaniiru.

Sadarkaa idil-addunyaatti sababa jijjirama qilleesaatiin balaawwan mudataa jiru ittisuuf sagantaan ashaaraa magariisaa kun gumaacha guddaa qabaachuu himaniiru.

Hojiilee misooma Ashaaraa magariisaa Ityoophiyaan waggoottan darban keessa hojjette dinqiifachuu isaanii TOI gabaasera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.