Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Yaa’ii Ministirootaa Qindoomina Idil Addunyaa irratti hirmaachaa jiru

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, garee shororkeessaa ISIS ittisuuf kan hundaa’e Yaa’ii Ministirootaa Qindoominaa Idil Addunyaa irratti hirmaachaa jiru.

Yaa’icharratti qondaaltonni olaanoo mootummoota biyyoota garaagaraa hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, ministiroonni garee shororkeessichaa addaa hundaan ittisuuf kutannoo qaban ni ibsu jedhamee eegama.

Obbo Dammaqaan yaa’ichaan cinaattis marii gama lameenii akka taasisan kan eegamu ta’uu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Gareen jilaa Obbo Dammaqaan durfamu yaa’icharratti hirmaachuuf har’a Saa’udii galuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.