Fana: At a Speed of Life!

Hambaan uumamaa umrii biiliyoona 1 qabu argamuu saayintistoonni ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC)- Hambaan uumamaa umrii biiliyoona 1 qabu kattaa Awustiraaliyaa Kaabbaa irratti argamuu Sayintistoonni ibsan.

Hambichi Addunyaarratti hubannaa as dhuftee dhalaa namaa jijjiiruu danda’aa jedhameera.

‘Pirootoostirool Baayotaa’ hambaan jedhamee kun umrii waggaa biiliyoona 1.6 dura kan jiraacha turanii fi qaama uumama ‘Iyuukaaryootis’ jedhamu ta’uun beekameera.

Qorataan Yuunivarsiitii Biyyaalessaa Awustiraaliyaa Beenjaamiin Niitarshiim, hambaalee uumama durii kunneen, galaanaa keessa kan jiraachaa turanii fi quubsumaa lafaa kan uuman ta’uu akka malan eeraniiru.

Awustiraaliyaan gama Kaabaa naannawaa kattaalee umrii dheeraa lakkoofsisan itti argaman yoo ta’u, kanaan dura Saayintistoonni Ameerikaa, Faransaay, Awustiraaliyaa fi Jarmaan naannawicharratti qorannoo gaggeessaa turuun ibsameera.

Argannoon qorannoo hambichaa Yuunivarsiitii Biyyaalessaa Awustiraaliyaan waggoota 10’f gaggeeffamaa turee bu’aan isaa har’a ifoomuu Aljaziraan gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.