Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan hordoftoota amantaa adda addaatiif iddoo waaqeffannaafi awwaalchaa mijeessuu dirqama qaba – Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan jila Pireezidaantii Mana maree dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaan durfamu waliin haala yeroo irratti mari’ataniiru.

Pireezidaanti Shimallis, taatee tibba darbeetiin lubbuu namootaa darbeefi qabeenya manca’een gadda itti dhagahame ibsuun maatiifi firoottan miidhamtootaatiif jajjabina hawwaniiru.

Tumsa gumiin dhaabbilee amantaa Oromiyaafi manni maree dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa rakkinicha tasgabbeessuuf taasiseef maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffataniiru.

Ummanni amantaa qabu safuufi duudhaa dhaloota qaru waan qabuuf amantaa akka qabeenya ammayyaa murteessaa tokkotti ilaalla jedhan Pireezidaanti Shimallis.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa akkuma kanaan dura yeroo dhaabbileen amantaa rakkoof saaxilaman deeggarsa daangaa hin qabne taasisaa tureefi gochaa jiru ammas cimsee kan itti fufu ta’uu dubbatan.

Mootummaan waggoottan 20 dhufan keessatti magaalummaa yeroo ammaa harka 22 irra jiru gara harka 48tti ol guddisuudhaan jiruufi jireenya uummata hammayyeessuuf hojjechaa jiraachuu Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.

rakkoo itti fayyadama lafaafi dhiyeessii bu’uuraalee misoomaa hiikuuf labsiin bulchiinsa lafaa qophaa’e Caffee naannichaatiin mirkanaa’ee ittiin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Magaalaa Shaggar iddoo jireenyaa ummata miiliyoona 20-30 akka taatuuf hawwamtu keessatti iddoon ijaarsaa Manneen amantaa Ortodoksii, Islaamaa, Waaqeeffannaafi Amantoota Wangeelaa Pilaaniin deeggaramee qophaa’e gahaan jiraachuu eeraniiru.

Gumiin dhaabbilee amantaa Oromiyaa dhimmoota ijoo 4 irratti tumsa barbaachisu gumaachuu akka qabus dhaamaniiru.

1. Gumiin dhaabbilee amantaa Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar waliin tahuudhaan Manneen amantaa akka magaalichaatti pilaaniin ala jiran 656 gara Pilaaniitti akka galchuu,

2. Mootummaan akkaataa pilaaniifi istaandardii seeraan taa’een lafa gahaa ijaarsa dhaabbilee amantaatiif qophaa’e kan kennu tahuu,

3. Mootummaan naannoo Oromiyaa Manneen Amantaa bakka Waaqeeffannaa gurguddoo fi hawwata Tuuriiziimii ta’uu danda’an ijaaruuf fedhii qabaniif, dhaabbilee amantaa Yunivarsiitiifi Kolleejii ijaaruuf qophii qabaniif karaa adda ta’een lafa qopheessuu isaa,

4. Mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaanfii ijaarsa seeraan alaa irratti fudhachuu eegale araarama tokko malee kan itti fufsiisu tahuu hubachuudhaan deeggarsa barbaachisu akka godhan dhaamaniiru.

Gumiin dhaabbilee amantaa Oromiyaa Kilaastara Haqaafi nageenyaa Oromiyaa waliin ta’uun cimuu akka qabus dhaamaniiru.

Maddi waca tarkaanfii ijaarsa seeraan alaa sirreessuurratti fudhatamee, caasaa mootummaa saamicha lafaa keessaa gahee qabuufi qaamolee ajandaa siyaasaa qabanitu amantiitti daheeffachuun tarkaanfii fudhatamuu eegale gufachiisuuf dhama’a jira jedhan Pireezidaanti Shimallis.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.