Yaa’iin waggaa daldalaa fi Invastimantii Afrikaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Caamsaa 29, 2015 (FBC) – Yaa’iin waggaa daldalaa fi Invastimantii Afrikaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Yaa’ichi, dhimmoota imaammataa fi tarsiimoo daldalaa, Indaastirii fi Invastimantii Afrikaa guddisuuf gargaaran irratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jira jedhame.
Ministir Deetaa Ministeera Indaastirii Hasan Mahaammad, Ministir Deetaa Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Indaalew Makonniin, Hojii raawwachiisaa Giddugala Invastimantii Afrikaa Abdiinaasir Tarkii dabalatee bakka buutoonni biyyoota Afrikaa fi dhaabbilee idil addunyaa yaa’icharratti argamaniiru.
Dandeettinii fi carraan Ityoophiyaan gama Daldalaa, Invastimantii, Qonna, Albuudaa fi Indaastirii Dameen Oomishaan qabdu yaa’icharratti ni dhiyaateen eegama.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.