Yaa’iin Hayyoota Afrikaa – Chaayinaa 12ffaan Chaayinaatti gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Caamsaa 25, 2015 (FBC) – Yaa’iin Hayyoota Afrikaa – Chaayinaa 12ffaan Chaayinaa magaalaa Zyiinuwaatti gaggeeffamaa jira.
Yaa’icharratti hayyoonni biyyoota 45 irraa walitti babba’an 200 fi bakka buutoonni dhaabbilee Biiznasii yaada isaanii dhiyeessaniiru jedhame.
Yaa’iin waggoota 12ffaaf itti fufiinsaan gaggeeffamaa ture kun imaammata bu’aa qabeessa ta’e qopheessuuf gumaacha olaanaa taasiisaa turuu eerameera.
Chaayinaan dhimmoonni Afrikaa Afrikaa qofaan akka furamu yeroo hunda kan tumsitu ta’uu Bakka Bu’aan Bulchiinsa Zyiijiiyaang Guwaan Yaang ibsaniiru.
Ragaan Gumrukaa Chaayinaa waggaa darbee akka agarsiisutti Daldalli Afrikaa – Chaayinaa Doolaara Biiliyoona 280 qaqqabeera.
Meeshaaleen Chaayinaa gara Afrikaatti ergaman waggaan % 11 dabalaa jiraachuu eerameera.
Chaayinaa fi Biyyoonni Afrikaa waloon ta’uun Daandii Baaburaa Kiiloo Meetira kuma 10, daandii gurguddoo Kiiloo meetira kuma 100 olii fi bu’uuraalee misoomaa ijoo ta’an hedduu hojjetaniiru jedhame.
Yaa’icharratti Hayyoonni Ityoophiyaas hirmaachaa kan jiraachuu CGTN gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.