Fana: At a Speed of Life!

Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Dabra Birihaan dabalatee ogeeyyiin 5 to’annoo jala oolan

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) –Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Dabra Birihaan obbo Dassitaa Andaargee dabalatee ogeeyyiin 5 malaammaltummaan shakkamuun to’annoo jala oolan.
 
Hogganaan buufata poolisii magaalichaa komaandar Taayyee Waldagiyoorgis Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif akka ibsanitti namoonni kunneen yakka malaammaltummaa lafa magaalaan shakkamuun to’annoo jala oolan jedhan.
 
Itti aanaa Kaantibaa magaalichaa obbo Dassitaa Andaargee, dursaa garee misooma lafaa obbo Damissee Tafaradanyii fi obbo Hayluu Shifarraaw dabalatee shakkamtoonni lama to’annoo jala ooluu himaniiru.
 
Qaamoolee kanneenirratti qorannoo taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Alaayyuu Garamawitu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.