Waldaan qaxxaamura Diimaa Oromiyaaitti Pirojektii Birrii miiliyoona 110 eegalchiise
Finfinnee, Caamsaa 25, 2015 (FBC)- Waldaan Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa Naannoo Oromiyaa godinaalee shanitti lammiilee walitti bu’iinsaan miidhaaman deebisanii dhaabuuf pirojektii Birrii miiliyoona 110 eegalchiiseera.
Pirojektoonni kunneen deggarsa dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa (USAID) irraa argameen kan gaggeeffaman ta’uun ibsameera.
Pirojektii kanaan manneen sadarkaa isaanii eeggatan waggaa tokko keessatti ijaaruuf karoorfamuu Ittaanaa Barreessaa Olaanaa Waldaa Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa Obbo Abarraa Lulessaa dubbataniiru.
Dabalataan pirojektoonni bishaanii miidhaman irra deebiin kan suphaman ta’uu himaniiru.
Hojiin deebisaanii ijaaruu gaggeeffamu kunis godinaalee Wallaggaa Bahaa, Horroo Guduruu, Beddellee, Iluu Abbaa Boorii fi Gujiitti ta’uun ibsameera.
Waldichi kanaan dura Dhaabbata Gargaraasaa Ameerikaa waliin ta’uun Naannolee Kibbaa fi Beenishaangul Gumuzitti sababa walitti bu’iinsaan lammiilee buqqa’aniif mana ijaarsisuu fi bu’uuraalee misoomaa bishaanii miidhaman irra deebiin suphuun ibsameera.
Fiqirtee Kabbadaatu gabaase
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.