Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin qaamolee itti yaadanii odeeffannoo sobaa tamsaasanirratti tarkaanfii fudhachuu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 24, 2015 (FBC) – Poolisiin Federaalaa qaamolee itti yaadanii odeeffannoo sobaa tamsaasanirratti tarkaanfii fudhachuu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.

Jijjiirama biyyaalessaa hordofee mootummaan gaaffilee ummaataaf deebii laachuuf tarkaanfiwwan fudhataa jiru keessaa tokkoo bakka mirgi namoomaa itti sarbamaa ture Giddu gala qorannoo yakkaa cufuu ta’uu eereera.

Kana hordofee Poolisiin federaalaa hojii qorannoo yakkaa iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu taasiisuuf jijjiirama bu’uuraa gaggeessuun kan yaadatamuudha.

Yaa ta’uutii tibbana namoonni tokko tokko miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun ololaa sobaan Poolisiin Fedeeralaa Ajajni qorannoo yakka waliigalaa, shakkamtoota irratti sarbama mirga namoomaa qaqabsiiseera jechuun maqaa gaarii dhaabbaticha balleessaa jiraachuu himeera.

Namonni kunneen kanneen yakka shororkeessumman shakkamanii barbadaman keessaa isaan tokko ta’uu himeera.

Namoota dhuunfaa yakka shororkeessummaan shakkamanii to’annoo jala oolan irratti qorannoo gaggeeffamaa jiru gufachiisuuf tarkaanfii raawwatamaa jiru ta’uu hubachiiseera.

Haa ta’uu malee Poolisiin Fedeeralaa Qorannoo shororkeessitoota irratti eegalee cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuun, hawwasni ololaa sobaan oso hin burjaajai’in odeffaannoo sirrii qaama dhimmi ilalaaturraa argachuu akka danda’u yaadachiisuu ragaan Poolisii Fedeeralaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.