Fana: At a Speed of Life!

Maayik Hamar borurraa eegalee Ityoophiyaa fi Jibuutii daawwachuufi

Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC)-Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Ambaasaaddar Maayik Hamara borurraa eegalee Ityoophiyaa fi Jibuuttiitti daawwannaa ni taasisu.

Ambaasaaddar Maayik turtii Ityoophiyaatti taasisaniin haala hojiirraa oolmaa waliigaltee nageenyaa fi fooyya’iinsa jirurratti qondaaltota Gamtaa Afrikaa waliin ni mari’atu jedhameera.

Akkasumas, adeemsa ce’umsa haqaa, hidhannoo hiikkachiisuu, irra deebiin ijaaruu fi sagantaa deebisanii dandamachiisuurratti qondaaltota Ityoophiyaa waliin Finfinneetti; akkasumas Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay waliin Maqaleetti ni mari’atuun kan eegamu ta’uu ragaan Miniteeraa Dhimma Alaa Ameerikaarraa argame ni mul’isa.

Daawwannaan Maayik Hamar Ityoophiyaa fi Jibuuttiitti taasisaan Caamsaa 23-29, 2015tti tura jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.