Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti meeshaaleen qorannoo dhibee daranyoo Sombaa aanaalee 4f deegarsaan laatame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC) – Godina Jimmaatti meeshaalee qorannoo dhibee daranyoo Sombaa aanaalee 4f deegarsaan laatame.

Godinichatti waggaa waggaan namootni kumni 5 ol dhibee daranyoo Sombaan kan qabaman ta’uu ibsameera.

Rakkoo kana furuuf meeshaaleen qorannoo dhibee daranyoo Sombaa ‘Jiin expert’ jedhamu Birrii miiliyoona 5.7n bitamuun aanaalee godinichaa 4f deeggarsaan laatamera.

Deeggarsicha kan taasise piroojektii KOFIH jedhamu Mootummaa Kooriyaan tumsamu ta’uu eerameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa godina Jimmaa Obbo Fu’aad Saabit, dhibeechi miidhaa guddaa hawaasarraa gahaa turuu eeranii qaamoolee deeggarsa taasisan galateeffataniiru.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti, Qindeessaan dhibee daddarboofi daddarboo hin taane Obbo Darajjee Addunyaanis, naannoo Oromiyaatti dhibicha ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Meeshaaleen kunneen hojiilee tatamsa’ina dhibichaa hir’isuuf hojjetamu milkeessuu keessatti qooda qabaachuu kaasaniiru.

Daayrektarri piroojektichaa Jinha Paark gama isaaniin kana duras meeshaalee Birrii miiliyoona 11tti tilmaamamu deeggarsa taasiisuu eeruun, gara fulduraas deegarsi dhaabbiilee fayyaa godina Jimmaaf taasisan kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.