Fana: At a Speed of Life!

Gibira dachaa hambisuu fi waliindhahiinsa taaksiirratti mul’atu ittisuuf labsiin dhiyaate ragga’e

Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa gibira dachaa hambisuu fi waliin dhahiinsa taaksiirratti mul’atu ittisuuf labsii dhiyaate raggaasise.

Manni marichaa walga’ii idilee 23ffaa har’a gaggeesseera.

Walga’ichaan Koreen Dhaabbii Dhimmootaa Faayinaansii, Baajataa fi Pilaanii labsicha, ilaalchisuun gabaasaa fi yaada murtoo dhiyeesseen mootummaa Ityoophiyaa fi mootummaa Luuzumbargi gidduutti gibiraa galiirratti gibira dachaa hambisuu fi waliin dhahiinsaa taaksiirratti mul’atu hambisuuf waliigaltee dhiyaateen, walta’iinsa gama lameenii cimsuuf kan dandeessisu hammattoo seeraa kan uumuu wixineen labsii ta’uun eerameera.

Biyyoota lameen giduu daldala jiruun sochiin invastimantii keessatti ce’umsi teeknooloojii gufuu akka hintaane, akkasumas lammiilee fi jiraattota biyyoota lameenii fayyadamtoota taasisuuf labsii tumsu ta’uun eerameera.

Miseensonni mana marichaas hanqinaalee waliin dhahiinsa taaksiirratti mul’atu sirreessuuf kan tumsu akka ta’ee fi hariiroo biyyoota lameenii kan cimsu ta’uu yaadaa kennaniiru.

Haaluma kanaan wixinee labsichaa sagalee guutuun raggaasiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.