Fana: At a Speed of Life!

Qormaata ba’umsaa Yuunivarsiitiwwanii bara kanaaf qophii ga’aan taasiifamaa jira –Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC) – Qormaata ba’umsaa Yuunivarsiitiwwanii bara kanaaf qophii ga’aan taasiifamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Bara kana barattoonni kumni 230 ol qormaata ba’umsaa fudhachuuf galmaa’uu Ministeera Barnootaatti Daarektarri Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dhuunfaa Tajaajila Damee Misooma Barnoota Dooktar Iyyoob Ayyanaw Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ibsaniiru.

Ministeerichi qajeelfama hojiirra oolmaa qormaata ba’umsaa qopheessuun dhaabbilee barnootaaf erguu himaniiru.

Gosoota barnootaa adda addaa barattoonni fudhatan keessaa giddu galeessaan 10 hanga 17 kan qoraman ta’uu kaasaniiru.

Qormaata kanaYuunivarsiitiwwan mootummaatti Interneetiin laachuuf Kompiyuutaroonni kumni 34 qophaa’uu himaniiru.

Bitootessa15, 2015 eegalee sagantaalee barnootaa 210n qophaa’aa kan jiru qormaanni ba’usaa kun guutumaa guutuutti xumuramaa jiraachuu ibsaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.