Fana: At a Speed of Life!

Kadhaa ijoollee naannawaa hawwata tuuriizimii hambisuuf tumaan tumame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC)-Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsiitti iddoowwan hawwata turizmiitti kadhaa ijoollee hammaatee hambisuuf tumaan tumame.

Naannawaa hara Laangaanoo fi Paarkiiwwan Hara Abijaataa Shaallaatti, daa’immanii fi ijoollee karaarratti kadhaan turistoota rakkisan ittisuuf hawaasnis tumsuu qabaata jedhameera.

Komishiniin Turizimii Oromiyaa, Waajjira Aadaa fi Turizimii Godina Arsii Lixaa waliin ta’uun hawaasa naannawichaa mariisisaa tureera.
Haaluma kanaan Abbootiin Gadaa naannawichaa “Dhaloota boruu aadaa hojii gaarii dhaalchiifna malee kadhaa hin dhaalchifnu” jechuun tumaalee dabarsaniru.

Maatiin daa’imman ofii daandirratti kadhaaf bobbaasan akka ittisanii fi daa’imman barnootatti akka fuulleffatan akka jajjabeessan waamichi dhiyaateera.

Itti Aanaan Koomishinaraa Koomishinii Tuurizimii Oromiyaa Obbo Daraaraa Katamaa, iddoowwan hawwata tuurizimii bakka dargaggootaaf carraan hojii itti uumamu malee bakka tuuristoonni kadhaa nuffanii dheessan ta’uu hinqabaatuu himan.

Hawaasni daa’imman ofii aadaa kadhaa keessaa baasee barsiisuu akka qabus dhaamaniiru. Tumaaleen tumamanis akka hojii irra oluu qaban dubbatan.

Akkaataa seera tumame lallabameetti kana booda maatiin daa’imni isaanii kadhaa irratti bobba’e argame adabbi Loon Shanii fi Qabee Saddeet kan adabaman ta’uun ibsame.

Tumaa kana manni murtii aadaa kan raawwachiisu ta’uun lallabameera.

Jamaal Kadiirootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.