Sirilaankaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii qabaachuu ibsite
Finfinnee, Caamsaa 21, 2015 (FBC)- Sirilaankaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii qabaachuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri biyyattii Teeshaantaa Kumaaraasiirii ibsan.
Ambaasaaddar Teeshaantaa xilayaa muudama isaanii Pireezidaanti FDRI Saahilawarqi Zawudeetti dhiyeessaniiru.
Pireezidaantiin Sirilaankaa Raaniil Wiikirimesiingi, imaammata dhimma alaa “Afrikaa Ilaalaa” jedhu guddisuu fi hariiroon Arditti waliin jiru bifa haaraan cimsuuf, hojjechaa akka jiran Ambaasaaddar Teeshaantaan ibsaniiru.
Pireezidaanti Saahilawarqi gama isaaniin, mootummaan Ityoophiyaa mootummaa Sirilaankaa Waliin hariiroo gama lameenii cimsuufis ta’e walta’iinsa gama lameenii hundeessuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Marii isaaniin keessumaa biyyoota lameen gidduu michummaa daldalaa fi invastimantii uumuuf haala dandeessisurratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.
Abbootiin qabeenyaa biyyattii oomisha uffannaa, tuurizimii, keessummeessummaa, qonnaa, ICT, kalaqa, loojistiksii fi damee ijaarsaa irratti yoo hojjetan bu’a qabeessa ta’uu akeekaniiru.
Gama lameenii, karoora misooma waaraa diinagdee magariisaa irratti akkasumas guddina diinagdee hirmaachisaa galmeessisuuf kan dandeessisan karoora Afrikaa giddugaleeffatan irrattis mari’ataniiru.