Fana: At a Speed of Life!

Jilli Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu hojiilee misooma qonnaa daawwaate

Finfinnee, Caamsaa 21, 2015 (FBC)- Jillii Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu lafa misooma Qonnaa Qajeelcha Olaanaa Loojistikisii Raayyaa Ittisaa daawwataniiru.

Daawwannicharratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa dabalatee, Ministir Deetaa Ministeera Raayyaa Ittisaa Maartaa Liwiijii, Qondaaltotaa fi hoggantoonnii akkasumas Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa argamaniiru.

Fiildi Maarshaal Birhaanuun akka jedhanitti, qajeelchichi duula olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti naannawaa garaagaraatti gala, meeshalee waraanaa, uffannaa, konkolaattota dhiyeessuun qajeelchaa cimaa hojiilee rakkoolee furan mirkaneessaa dhufe ta’uu kaasaniiru.

Qajeelchi olaanaa yeroo ammaa misoomaa fi kalaqaarratti bobba’uun, miiraa abbummaan hojiileen hojjechaa jiru Rayyaa Ittisaa Biyyaan kan dinqisiifatamudha jedhan.

Itti Gaafatamaan Qajeelcha Olaanaa Loojistiksii Raayyaa Ittisa Biyyaa Leetenaala Jeneraal Abdurraahmaan Ismaa’eel gama isaaniin qamadii biyya keessatti oomishuuf imaammata misoomaa ba’e bu’uureffachuun kallatti kaa’ameen hojiirraa oolchuu fi dhaabbatichaa fi misoomaa biyyatti deeggaruuf lafa hektaara 30 ol qonnaan misoomsuuf qophii taasisuu ibsaniiru.

Hojiin kunis akka milkaa’uuf raayyaan eegduu ta’uu cinaatti oomisha qamadiin wabi nyaataa isaa akka mirkanneeffatuuf xiyyeeffannaan hojjetmaa jiraachuu mirkaneessa jechuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.