Fana: At a Speed of Life!

Ityoopiyaan Afrikaa badhaatee fi tokkummaan ishee cimee uumuuf gumaacha taasiftu cimsitee itti fufti-Amb. Misgaanuu Argaa

Finfinnee, Caamsaa 15, 2015 (FBC)- Ityoopiyaan Afrikaa badhaatee fi tokkummaan ishee cime uumuuf gumaacha taasiftu cimsitee itti fufti jedhan Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan.

Hundeeffama waggaa 60ffaa Gamtaa Afrikaa sababeeffachuun Giddugala Hoggansaa Afrikaatti mariin paanaalii gaggeeffameera.

Waltajjicharratti, Ambaasaaddar Misgaanuun, Afrikaa diinagdeen dagaagde, ummata isheef mijattuu uumuuf tokkummaa cimsuun barbaachisaadha jedhan.

Keessumaa walitti hidhamiinsa diinagdee waloo mirkaneessuuf hojiirra oolmaa naannawaa daldala Walabaa Afrikaa jalqabbiirra jiru saffisiisuun murteessaa ta’uus kaasaniiru.

Afrikaan qabeenya uumamaa fi humni namaa qabdu guddina isheef carraa ta’uu eeruun, qabeenyaalee kanneen sirnaan fayyadamuu barbaachisa jedhan.

Rakkoolee guddina arditti duubatti harkifachiisan furuuf qajeeltoo “Rakkoolee Afrikaaf furmaata Afrikaa” jedhu cimsuun furmaata ta’uu akeekaniiru.

Yaadiddama Paan-Afrikaa dhaloota ittaanutti ceesisuun akka barbaachisus Ambaasaddar Misgaanuun kaasanii, Ityoophiyaanis Afrikaa badhaatee fi tokkummaan ishee cime uumuuf gumaacha taasiftu cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru.

Waltajjii marichaarratti Ambaasaaddaroonni biyyoota Afriikaa, bakka bu’oonni Gamtaa Afrikaa, hayyoonni fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu biroon argamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.