Fana: At a Speed of Life!

Konfiransiin Eeggumsa Hawaasummaa biyyaalessaa marsaa 2ffaan eegalame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2015 (FBC) – Konfiransiin Eeggumsa Hawaasummaa biyyaalessaa marsaa 2ffaan Galma Walga’ii Gamtaa Afrikaatti gaggeeffamuu eegale.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniinii fi hoggantoonni olaanoon biroo Konfireensicharratti kan argaman yoo ta’uu, hirmaattoonni konfireensichaa Egzibiishinii qophaa’e daawwachuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Yaa’ichi Eeggumsa hawaasummaa, misooma waaraa fi walitti hidhamiinsa hawaasaa, akkasumas ijaarsa biyyaarratti hubannoo uumuuf qooda olaanaa qabaata jedhame.
Akkasumas dhaabbilee mootummaa fi mit mootummaa, damee dhuunfaa fi misoomaa gidduutti hariiroon jiru akka cimu garaagaara jedhameera.
Waltajjicha cinaatti dhaabbileen adda addaa muuxannoo garaagaraa waljiijjiiruuf Egzibiishiniin banamuu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.