Fana: At a Speed of Life!

Alkooliin qulqullinaaf oolu ga’aan jiraachuu Koorpooreeshinichi beeksise

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) –Alkooliin qulqullinaaf oolu liitirri miiliyoonni 3 ol warshaalee keessa jiraachuu Koorpooreeshiniin Sukkaaraa beeksise.
 
Tatamsa’ina weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kan oolu oomisha alkoolii teeknikaa dabaluuf hojjetamaa akka jiru ibsameera.
 
Yeroo ammaatti quqlullina eeguuf kan tajaajilu alkooliin teeknikaa liitirri miiliyoonni 3 ol warshaalee Fincaa’aa fi Matahaaraatti kan argamu ta’uu Koorpooreeshiniin Sukkaaraa ibseera.
 
Warshaaleen kunneen guyyaatti alkoolii teeknikaa liitira kuma dhibba 1 ol oomishaa jiru jedhame.
 
Manneen qorichaa fi dhaabbilee kana dura fudhachaa jiran dabalataan dhaabbileen 7 haaraan alkoolii teeknikaa akka fudhatan Koorpooreeshinichi Ministeera Fayyaa,akkasumasa Ministeera Daldalaa fi Indaastirii waliin hojjechaa jiraachuu ibsameera.
 
Dhaabbileen kunneen yeroo ammaa alkoolii kana fudhachuuf adeemsa bittaa raawwachaa jiraachuu Koorpooreeshinichi beeksiseera.
 
Alkooliin teeknikaa kun Saanitaayzarii, saamuulaa gogaa fi dhanga’aa, akkasumasa oomisha quqlullina mana fincaanif galtee ta’uuf tajaajilu jedhame.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.