Obbo Ahimad Shidee walga’ii waggaa Baankii Misooma Afrikaarratti hirmaachuuf Ijibtiin galan
Finfinnee, Caamsaa 14, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen walga’iiwaltti qabdoota boordii Baankii Misoomaa Afrikaa 2023rratti hirmaachuuf Ijibtiin galan.
Walga’iin baranaa mata duree “Dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu fi misooma magariisaa Afrikaatti mirkaneessuuf damee dhuunfaa qindeessii” jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Walga’ichi guyyoota afuriif Ijibti Shaarmaa Eel Sheekitti kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.
Jijjiiramni qabeenya qilleensaa ardichatti dhiibbaa hordofsiisu dhaabuu fi misooma waaraa mirkaneessuuf gufuulee fi carraalee jiranirratti ni mari’ataan eegama.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.