Obbo Awwal Aarbaan agarsiisa Saayinsii Qonnaa daawwatan
Finfinnee, Caamsaa 14, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan agarsiisa Saayinsii Qonnaa Gola Hambaa Saayinsii fi Teeknooloojiitti qophaa’e daawwataniiru.
Agarsiisichi mata duree ‘Kutaa Yaalii hanga Ooyiruu’ jedhuun kan qophaa’e yoo ta’uu, Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin eebbifamuun daawwannaaf banaa ta’uun kan yaadatamuudha.
Agarsiisicha kutaaleen hawaasaa garaagaraa daawwataa kan jiran yoo ta’uu, har’as jilli Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan durfamu iddichatti argamuu daawwateera.
Ministirri Ministeera Qonaa Dooktar Girmaa Amanteen jila kana daawwachiisaniiru.
Obbo Awwal Aarbaan hojiileen misooma qonnaa naannoo Afaariitti hojjetaman agarsiisichaaf akka oolaan laataniiru jedhame.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.